Nuti Eenyu
Hawaasni Oromoo hawaasa bal'inaan kutaa biyyaa Koloraadoo keessa maadheffatan keessaa isa tokko. Waldaan hawaasa Oromoo Koloraadoo dhaabbata bilisaan hawaasa Oromoo tajaajiluuf baraa 2000 akka seera bulchiinsa kutaa biyyaa Koloraadoo fi seera galiiwwan biyya keessaa Yunaayitid Steet of Ameerikaatti 501c3n hundaa'ee dha. Miseensonni waldaa keenyaas magaalota kutaa biyyaa Koloraadoo akka Deenvar, Arooraa, Glandalee, Seentaniyal, Paarkar, Hiyilaand Raanch, Liitilten, Lekwuud, Arvaadaa, Gooldan, Torintan, Norzigleen, Westminister, Luwisviile, Longmont, Booldar, Koloraado Spriingis, Fort Koolinsi, Griilii fi Fort Morgaan keessa jiraatuu. Miseensonni waldaa hawaasa keenyaa hedduun isaani sababa akka gidiraa siyaasaa, loogii jireenyaa fi dhiittaa mirga namoomaa baqachuun biyya dhaloota isaanii Oromiyaa (Itoophiyaatti kutaa biyyaa guddicha) irraa gara Ameerikaa dhufan.
Ergamni keenya
Waldaan hawaasa Oromoo Koloraadoo kan hundaa'e hawaasni Oromoo haala hawaasa bal'aa Ameerikaa biroo waliin wal simateen akka hundee godhatee guddatuuf. Waldaan kunis hawaasa Oromoo akka Oromiyaa jiruu beekessa, aada-qabeessa fi milkaa'a ta'e uumuf ni hojjata. Haaluma kanaan waldaan kun tajaajila hawaasummaa haala qooqaa fi aadaa saba Oromoo giddu galeessa godhateen saba oromoo fi saboota baha Afrikaa birootiif ni kenna.
Mula'anni keenya
Fedhii fi fayidaa hawaasa Oromoo Koloraadoo galmaan ga'uu dha.